Tuesday, December 9, 2014

Karaa Kamtu baasa- kutaa duraa


Rakkoon OMN keessatti dhalate jedhamu yeroo ammaa kana haasawa keenya hunda waan dhuunfate fakkaata. Radiyoo, TV fi sararaalee Sab-qunnamtii hedduu irratti durummaa qabxii marii tahee as bahee jira. Dhugumaan dhimmi kun akka salphaatti kan ilaallu hin tahu. OMN dura Oromoon tamsaasa TV bilisa tahe kan biyya  dhaqqabu qabaachaa hin turre. Kanaaf namni hundi haala OMN keessatti deemu fedhii guddaan jala deema.

 Oromoo qofa osoo hin taane alagaan kufaatii miidiyaa kanaa barbaadus akkasuma ija banee waan itti aanu hordofaa jira. Kanaaf rakkoo kanaaf furmaata argamsiiisuun bu’aa Oromoo hunda ti.  Kanneen akka namootni Miidiyaa kana itti gaggeessan irraa quufa hin qabnes, Oromoon miidiyaa ofii qabaachuutti boohartii guddaa qabu jedheen amana. Kanaaf akkuma dhalata OMN, rakkoo mudateef furmaatni argamuun bakka ol’aanaa qabaata yaada jedhu qaba. Furmaata waaraa argamsiisuun rakkoo amma harkaa nama qabdu furuu fi fuula duras dhibdeen fakkaatoo fi haaraanis akka hin dhalatne sirna  hojii akka waardiyyaatti OMN tiksu utubuun fardii dha. Yaada kana milkeessuuf garuu hunda caalaa murteessaan akkaataa rakkoon kun itti hiikamu akka tahe shakkamuu hin qabu. Nada rakkoo amma mudate sirritti adda baafnee maqaa yoo itti hin kennine, dhibdee kanaaf dawaa qajeela yoo kennuu hanqanne gaaga'amni gahu hamaa dha. Rakkoo kana furuu keessatti tarkaanfiin jalqabaa hoonga sochiileen kana dura mudatan irraa fagaachuu tahuu qaba. Yaadni kanaa gaditti tuttuqu fardii tahanii natti mul'ata.

1. Hunda dursee ir’ina jaarmayota Oromoo barootaaf sakaale irraa of eeguu dha. Innis dhugaa ofitti himuu fi hojii hojjataniif itti gaafatama fudhachuu dha. Akkuma jaarmayoota siyaasaa fio sochiilee hawaasaa gara garaa keessatti argaa turre, yeroo komiin tokko ka’u, komiilee dhihaatun qoratnee furmaata itti kennuu irra warra komii dhiheessanitti duuluu fi duulchisuun irra deebi’ame akka tooftaa rakkoon ittiin furanitti itti gargaaramuu hin qabu. Rakkoo dhimma OMN irratti muree kan murteessu nama tokko qofaa fi diinagdeen ummata irraa funaaname seera horoo ittiin sochoosaniin alatti socha’ a jedhu komii salphaa miti. Akkuma ar’aa borus OMN kan jiraatuun gargaarsa ummataatini. Diinadgee irratti amantaa ummatni nama irraa qaba daddaaqnaan wanti hojjatamu hundi sakaalamuu danda’a. Gama biraatiin dhimma OMN irratti muree kan murteessu akkuma jedhamu namuma tokko yoo tahe kun rakkoo cimaa dha. Dhibdeen Oromoo jabina nama tokkootii oli. Seenaan kan nu barsiisu kanneen jabaa tokko qofa irratti of-gatan akkasumas yaada nama tokkoo qofa jala dunuunfatanii deeman hunda hoonga’uu isaanii ti. Hunda caala ammo o, komii kana irraa qulqullaa’uu fi gufuulee OMN mudachuu malan hambisuun kan milkaayu deeggqartootaa fi qondaalota OMN akka tahu beekkamuu qaba.

2. OMN kan ummatni hundi keenya jedhuun taasisuun tarkaanfii itti aanu tahuu qaba. Jaarmaya kana nama xiqqootu jalqabe. Ar’a nama heddutu keenya jedhaan. Dhugumaan OMN kan hedduu keenyaa tahuun garuu waan guyyaa tokko keessatti tahuu miti. Suuta suuta OMN kan nuti hundi keenya jennuun taasisuun dura kanneen ar’a Miidiyaa kana akka qaroo ija isaanitti ilaan tursiifachuun hunda caalaa fardii dha. Haala wagga tokko keessa OMN keessatti mul’ate yoo ilaalle hojii hedduun akkam hafu agarsiisa. Keessattu lammiiwwan Oromoo jalqaba irraa kaasee sochii OMN uume keessa turan, sababa nama tokkoo “abbaa Irree”  fi “mataa jabeessa” jedhaniin OMN irraa fagaachuun jalqaba gaarii hin fakkaatu. Keessattuu namootni himannaa kanaan OMN irraa fagaatan kanneen ogummaa fi fedhii qaban tahuun guddisee nama yaadchisuu qaba.

3. OMN dhugumaan Miidiyaa Ummataa taasisuun afaan Oromootiin odeessa dabarsuu fi “xiinxala” dabree dabree dhihaatan bara-himaa taane ummatatti raaguu ol akka tahe tolchinee beekuu qabna. Akkuma sabni Oromoo lakkoobsaan hedduu tahe, yaadni ummata galaana kana keessa jiru b,al’aa fi hedduu dha. Kan afaan oromo dubbatu, kan hin dubbanne, kan Oromiyaa bilsoomste arguu barbaadu fi kan Itoophiyaa dimokraatomte dheebotu akka jiru beekkamaa dha.  Dhimmoota jajjaboo Oromoo keessatti calqqisaniif furmaatni tokko akkuma hin jirre, nam-tokkeenis tahe gurmuun falli  nuti dhiheessinu garaa garummaa qabaata. Miidiyaan dhugaa hunda kana osoo gama tokko hin gore tajaajiluu danda’uu qaba. Oduun dabru, qophiileen adda addaa kan akka keessummaa, xiinxalaa fi kkf bal’ina yaadaa Oromoo keessa jiru calqqisuu danda’uu qabu. 
Gama biraatiin kanneen OMN hoggananii fi OMN mindeessee hojjachiisu hundi akkuma nama kamuu dhimmoota Oromoo ilaalan irratti yaada akka qaban hubachuun hin olfaatu. Meeshaa sab-qunnamtiif hojjachuun ejjanna siyaasaa qabaachuu nama hin dhoorgu. Garuu miidiya kanatti gargaaramuun yaada ykn mul'ata nama tokkoo adeemsisuun yaada" miidiya ummataa" jedhu faalleessa.

Kutachuu 2ffaan itti fifa