Thursday, November 27, 2014

Rakkoon OMN maaliif dhumachuu akka hin dandeenne.

Yeroo ijoollee ture, naannoo an itti guddadhetti ayyaana waan jedhamutu ture. Ayyaanni kun yeroo muudaa namatti ka’a. Sammuu namaa toohatte gama uumama addaatti nama jijjiira. Yeroo hundaa yeroo awliyaa/adbaariii faarsuu eegalan namatti ka’a. Faaruu awliyaa/adbaarii kana keessa namoota mirqaananii of wallaalan; ibida barbadaa irra miila duwwaan deeman, kanneen ibidda afaan kaayatan fi kanneen guututti of wallaalanii-of wallaala keessa awliyaa/adbaarii waliin haasawan. Biyya kanatti ammo yeroo warroota “Celebrity” argan kanneen of-wallaalan hedduu argina. Yeroo Obamaan dorgommii filmaataaf deemaa turetti kanneen isa arguu irraa bakka jiran wallaalanii sammuun isaanii of dagattee kufan waluumaan agarre.

Mata duree barruu kanaa fi yaada armaan olii maaltu walitti fida jettanii rakkachuu maltu jedheen yaada. Akkuma nuti hundi waliin agarre sochiin Oromo first jedhu cinaa hawaasa keenyaa hedduu akka kakaase. Jechi hunda dura Oromummaa jedhu jecha namoota hedduu walitti fide tahuu shakkiin hin jiru. Haa tahu malee sochiin kun jalqaba irraa kaasee afanfaajjiin kan guutamee dha. Maaliif yoo jenne Oromummaa hunda dura jechi jedhu hiikkaa hin qabu. Oromoon uumaa hundaa oliii miti. An Oromoo dha habashaa miti jechuunis rakkoo Oromoof furmaata tahuu hin danda’u. Osoo kanneen Oromoo hin taane of keessaa baafnee, dhiiga Oromoo keemikaalaan qulqulleessinee biyya uumaan namaa dhibbaa dhibbatti Oromoo jedhamu osoo ijaarannees rakkoon keenya hin dhumatu. Furmaatni keenya maqaa namni biraa jallisee nuun yaamuun qajeelchuu ykn nama afaan keenya dubbatu hunda sammuu isaa yaada tokkoon koloneeffannee walitti fiduu osoo hin taane haala lammiin Oromoo hundi bilisummaa gosa hundaa qabaatu argamsiisuu dha. Sochiin ummatoota nu dura bilisummaaf lolaa turanii hundi kan hoongofteef kanneen qabsaawota ofiin jedhan dhugoomuu bilisummaa lammii caalaa hiikkaa jechootaa irratti waan xiyyeefatnii fi. An amma akka nama tokkootti murteessaa jedhee kan fudhadhu alaabaa dachii biyya kiyyaa irratti balali’u, maqaa biyya tiyyaa fi lafti an biyya jedhuun hangam bal’attii fi hangam dhiphattii osoo hin taane akka ilma namaatti fedhii fi hawwiin kiyya guutumuu dha. Biyya nagaan waare keessatti ilmaan guddifachuu, biyya nagayaan bahee nagayaan itti galuu fi biyya hojjadhee itti of jiraachisu akkasumas biyya osoo ilmaan namaatiin itti hin roorifamne keessa jiraachuu dha.

Egaa gara dubbii kiyyaatti yeroon deebi’u Oromoo 1st ykn Oromoon hunda dura jechuun itti baani isaa maali? Rakkoo Oromootiif furmaata akkamii fida? Faallaa Amaaraa ykn habashaa taanee mul’achuun rakkoo keenya furaa? Dhuguma erga goototni ilmaan Oromoo wagaa 4o dura an Oromoo jedhanii gadi-aantummaa Oromoo didan booda ar’a akka haarayaatti Oromoon hunda dura jechuun maali? Dhaadannoo OLF yoo argitan waggaa 40 guutuuf/hangaar’aattuu injifatnoo Ummata Oromoof jedha. Dhaadannoon garuu homaa hin jijjiirre. Yaada kana malees sochii Oromo First burjaajawaa kan isa godhu akkaataa namootni sochii kana gaggeessanii fi hordofan itti yaadanii dha. Baruma kana Minisoota yeroo “CAPITAL HILL” duratti hiriira bahame jecha obboleettiin takka darbatte isin barsiisuu fedha. Namuu dabareen kaa’ee haasawa warraaqsaa godha, kun ni qoosa nama booharsuuf, kuun ammo ni sirba. Egaa obboleettiin teenya tun kaate, dhaalootni umrii isii dura hundi sammuu irra kan ga-tortore akka tahee fi dhallotni qubee jarra kana qulqulleessee akka rakkoo Oromoo furuu danda’u dubbatte. Yaadni kun yaada nam-tokkeee osoo hin taane yaada sochiin OMN dhalche ittiin deema ture. Hangafti sochii kanaas London bakka obboo Xaahaa Abdii fi obboo Galaasaa Dlboo taa’anitti dhaalota dabre akka yuuba baasuu qaban dubbate. Bara dabre kana keessa mana Paltalk keessatti warra durii kana “mataa irraan akka faca’u” dubbate. Mataa irraan faca’uu jechuun miilaan mataan mataa namaa irra deemuutti hiikkamuu danda’u. Kana jechuun kanneen hooggana sochii Oromoo first dura umriin jiran ummata duratti qooda sochii ummataa keessatti qabaachaa turan akka hoogganatti ilaalamaa turan hundaa miilaan mataa irra deemuu/ ykn sagalee isaanii ukkaamsanii waltajjii dhaaluu jechuu dha.
Tarii yaadni kun rakkoo maalii qaba jedhuu maltu. Rakkoo hin qabu, garuu dhaalootni dhufaan itti gaafatama guutuu kan danda’u yoo dhaloota isa duraa caale fi yaadota dullooman fi haaraa walitti araarsuun ummata wayyaba biratti mul’ate qofa. Dhaalootni haaraan karaa qaxxaamuraan namoota isa dura turan “mataa irraan faca’ee” ykn yaada isaanii ukkaamsee waltajii fudhatuu hin danda’u. Sochin waldhabbii dhaaloota umriin dheeraa fi dardara gargar hirtu gaggeessuun ummata tokko bilchin/ muuxannoo dhabsiisa, humna isaa bittimsa. Dhalootni haaraan kan isa duraa bakka bu’ee ummata isaan deemuu kan danda’u yoo dhaloota isa dura ture milkii fuula dura argamtu irratti qooda fudhachiise qofa. Biyyuma kamuu keessa, biyyiti dhaloota haaraa qofaa, ykn dhaloota gadoome qofaa hin jirtu. Sochiin dhaloota gadaa tokkoo abaartuu fi dhaloota duraa waa hunda keessaa baasuu/kophxeessuu barbaadu sochii uumama faallessite waan taateef hin milkooftu. Sakaallaan sammuu leelliftoota sochii OMN harkaa qabu isa kana. Koree qindeessituu fi boordii OMN yoo ilaaltan namni tokkichi sochii Oromoo keessatti muuxannoo qabu hin jiru. Akkaataa ummatni tokko itti yaadu irraa muuxannoo osoo hin qabaanne,-qaamuma wacu qofa of jala hiriirsinee ni fiigna yoo tahe guufuu guddaatti gufanna.

Kan biraa ammo sochiin kun nama waaqeffatuu irraatti hundaa’e. Namoota suuraa leencaa irratti fuula Jawaar Mohammed maxxansanii moggaasaa maqaa Facebook ykn twitter godhatan hangam agartan? An hedduun arge. Yeroo ar’a rakkoon OMN keessatti himamu rakkoon kun maali, akkamitti dhalate, akkamiin furraa irra maqaa goota keenyaa maaf tuqxan jedhee warra of-wareeguuf qophaa’e hedduu argitu. OMN akka jabaatu rakkoo isaa furuu osoo hin taane nama OMN bu’ureesse jedhan akka xuriin irra hin buune godhu irratti xiyyeeffatan deeggartootni sochii kanaa. Akkuma jalqaba fakkeenya muudaa jalqaba irratti tuqeetti kanneen maqaan Jawaar yeroo dhahamu of wallaalanii kufan hedduu dha.

Dhuma irratti sochii kana afoolla’aa kan isa godhu akkaataa namootni walitti qabamanii dha. OMNI kan Oromoo hundaati afaaniin osoo jedhamu, ijaarsa isaa irratti namootni kan walitti qabamaniin, eenyutu eenyuun leellisaa fi eenyutu eenyuun hin leellifne jedhamee ti. Fakkeenyaaf bu’ureeffama OMN guyyaa lama dursee Minisootaa keessatti manguddoota yeroo walitti fidan beeka namoota yaadaan walfaakaatuu fi naannawa tokkoo qofa walitti fidanii sirna labsamuu OMN jalqaban. Namni naannoo tokkoo walitti dhufuun rakkoo miti, rakkoon garuu kanneen sochiin kanaan deeman nama walitt fiduu irratti maadaala yaada keenyaaf eenyutu harka walitti nuuf tumaa fi hin tuumnee irratti yoo hundaa’e dha. Ilaalchi kun hanga ar'aatti guddisee calqqisa sochii kana keessatti.

Akka an yaadutti qabxiilee armaan olitti tuqaman kun OMN akka rakkoo kana keessaa bahuu hin dandeenne sakaallaa guddaa tahanii jiru. Keessattuu akkamitti sochiin tokko bu’aa irra caalaa sabaaf argamsiisuu akka danda’u irratti fuulleffatuu dhiisanii nama tokko waaqeffatuu aadaa godhachuun rakkoo ol’aanaa jaarmaya kana ti. Muree murteessaa tahuun nama tokkoo fi yaada biraa hunda keessummeessuu dhabamuun akka rakkootti fudhatamaa hin jiru. Hedduun deeggartoota OMN hundi abdii isaanii kan irkifatan sochii OMN dhalchee fi OMN osoo irratti hin taane jabinaa fi waa hunda godhuu danda’uu nama tokkoo irratti. Kun sakaallaa guddaa dha. Akkuma namoota yeroo muudaa adbaariin ykn ayyaanni dhuunfatee ibdidda irra miila duwwaa deemanii fi ibidda afaan kaayataniitti kanneen milkaa’uun sochii ummataa waa hunda danda’uu nam-tokkootiin walitti hidhan doggoggora yaadaa guddaa keessa jiru. Kanaaf hanga wayyabni deeggartoota sochii kanaa awliyaa/adbaarii kana waaqeffatuu fi waan inni godhu hundaa qajeela godhatanii fudhatu ykn qeeqa OMN irratti dhihaate hunda akka eeboo qara isaanitti darbatamteetti jalaa maquuf fiiguu hanga hin dhiifnetti OMN rakkoo kana keessaa bahu hin danda’u.


Na ofkalchaa