Sunday, April 21, 2013

Oromoof Maal Qabdu?

Baroota hedduuf waldorgommiin jaarmayota Oromoo gidduu turee fi ar'as jiru sabaaf maal godhuu dandeenyaa osoo hin taane, nuti hundi homaa godhuu hin qabnuu irratti waan hundaa'e fakkaata. Amalli akkanaa kan qabsoo Oromoof waa gumachuuf yaada dhabuu fi diina dhiisanii Oromoo irratti xiyyeeffachuu kun baroota 20 oliif mooraa qabsoo Oromoo shororkeessaa ture kun keessattuu yeroo ammaa tana Oromoo giddutti finiinee jira. Dhalachuun ODF humna waa hunda dura dhaabbachuu "party of no" humna kana hin jedhamne itti horee jira. Akka Oromoon hawwuu qabsoon keenya nuu fi diina gidduutti tahuun hafee akka Oromoo gidduutti tahu, ibidda mana keenyatti qabate akka hin dhaamne qoraan itti guuraa jiru.

Guyyama ar'aa April 21, 2013 mana paltalk Waltajjii Hawaasaa jedhu keessatti, Obboo Ibsaa Nagawoo guyyaa goototaa ilaalchisee haasaa godhe keessatti ODF akeeka qabsaawotni Oromoo irratti wareegaman akka faallesse bal'inaan dubbataa turan. Haaluma fakkaatuun guyyaa tokko dura, ODF jaarmaya akeeka diinaa gaggeessu akka tahe ibsuuf obboo Odaa Xasee saa'aa lamaa ol mana paltalk keessatti balleessan. "Dura Deemaan" ABO "Jijjiiramaa" jaarmaya G7 jedhamuun Oromoo biratti beekkamu haasaa raadiyoo SBS waliin godhe keessatti ijaaramuun ODF sirna wayyaanee jiraachisuuf akka tahe qaanii tokko malee dubbatan. Kan nama ajaa'ibu, yakka akkanaa kana namni dhiheessu nama Wayyaaneen akka humna taatuu fi daangaan Toophiyaa tikfamu qawwee qabatee waggaa 20 ol lolaa turee dha. Duula "qabsaawota" Oromoo giddutti baroota dheeraaf gaggeeffamaa ture kana, ijaaramuu ODF booda bifa haarayaan kan rasaasa duraa dhukaase garuu obboo Jawaar Mohammed ture.

Hawasa tokko keessatti garaa garummaan jiraachuun hammeenya osoo hin taane, bu'a qabeessa. Keessattu dhimma ulfaataa dhimma biyyaa yeroo mari'anu dunuunfannee yaada tokko qofaan masakamuun bu'aa isaa irra gaaga'ama isaattu irra guddaa dha. Mormiin nu gidduu jiraachuun akka bal'ifnee yaadnu, waa xiinxalluu fi yaada xaliila maddisiifnu nu gargaara. Kanaaf, lammiin Oromoo hundi, sochii jaarmayotaa fi namootni maqaa ummataatiin socho'an godhan hundaa jala bu'uu fi hubachuu yaaluun, bakka jalatte jedhanitti yaada furmaataa dhiheessuun waan jajjabeeffamuu dha. Namni afaan tokko dubbatee qofaaf akka tokko yaaduu hin danda'u. Kan biraa hafee nuti lammiiwwan Oromoo gabrummaa waliin dhandhamaa jirru, dhibbaa dhibbatti sirna gabroofataa kanaaf hiikkaa tokko kennuu hin dandeennu. Akkasumas furmaata tokko hin qabaannu. Kanaaf, haala qabsoo fi jireenya ummataa jijjiiruu keessatti kanneen dhibdee ummata isaanii furuuf tattaafatan yaadni isaan dhiheessan kan walhubannoo, walii galtee (consensus), jabinaa fi furmaata argamsiisu akkeekatu tahuu qaba. Garaa garummaa yaadaa qabna malee dantaa Oromoo irratti garaa garummaa hin araaramne hin qabnu. Kan yeroo ammaa fi baroota dabran Oromoo keessatti mul'ata ture garuu, faallaa yaada armaa olitti tuqamee, maraattummaa guddaa fi haala ummatnoi Oromoo keessa jiruuf yaadda'uu dhabuu agarsiisa.

Ar'a ololli ODF irratti dhihaatu keessaa, inni duraa akeekni isaan amma qabatan dantaa Oromoo faallessa kan jedhuu dha. Kanaaf wanti akka sababatti dhiheessan Itoophiyaan amala Dimokraatawuu dhabuu isii ti. Kana malees ilaalcha 1970-taa kan Impaayerri boortaa qofaan diigamati jedhuu jalatti hiriiruun taarsiimoon qabsoo Oromoo akka faalleffametti dhiheessan jiru.Warri hafan ammoo ODF dura dhaabbatuuf sababni isaanii guddaan yakkaa mana seeratiin hin murtaa'in yakka kanneen ODF gaggeessaa jiran irratti dhiheessanii dha.

Yaakkoota kana tokko tokkoon keessa deemnee yoo xiinxalle, yakkootni kun kan dhugaa of keessaa hin qabnee fi mararfannoo qabsoo Oromoo qabamu irraa kan maddan akka hin taane hubachuun salphaa dha. Dantaa Oromoo faallessuu yakki jedhu akkum yakkooota biro tarrifamanii yakka dhugaa qabuu miti. ODF labsaa isaa keessatti dantaa Oromoo irra dabree dantaan sabootaa fi ummatoota hundaa akka kabajamu lallabe jira. Qabsoon armaan dura sabni Oromoo gaggeessaa ture hundi qabsoo haqaa akka taatee fi ar'as akkuma kale mirga hiree murteeffannaaf qabsaawuun haqa akka tahe bal'inaan dubbata, labsi ODF. Dantaa Oromoo gurguruu ykn faallessuun kun maal irraa akka madduu kan nama dhibu tahus, ODF akeeka isaa keessatti mirgi ummata Oromoo fi ummatoota hundaa akka mirkanaa'u biyya Itoophiyaa jedhamtu bifa haaraa mirgoota namtokkee fi waloo ummatootaa keessatti kabajamuu danda'utti caaseffamuu kan jedhu tahuu mala jedheen yaada. Kanaa ala, ODF hoogganni isaas tahe miseensi isaa mirga of irraa diina faccisuu (self defense) akka lagatamuu fi Oromoonm qabsoo isaa dhiisee diinaaf akka jilbeenfatu hin gaafanne. Qabsoo hidhannoos tahe qabsoo karaa nagayaa godhamu kan murteessuu qabu haqa qabaachuu fi mirgi kee sarbamuu osoo hin taane, bu'aa karaan qabsoo filatame fiduu dha.ummatni mirga isaa sarbame of daangeessuu hin qabu, karaa isaa tolu hundaan falmachuu qabu. Kan silaa ummata cunqurfame daangessuu qabu, mootummaa cunqursaa dha.

Waan ofiif yaadan, ummatoota hundaaf yaaduu fi cunqursaa dangaa keenya irra dabaree bakka hundatti falmuu fi ummatoota hundaaf hiree murteeffannaa hamiluun akkamitti dantaa Oromoo faallessuu taha? Miseensotaa fi hoogganni ODF rakkoon ummata Oromoo mudatee mirkaa'uu ol'aantummaa ummatoota hundaatiin furama jechuun cubbuu fi yakkas tahuu hin qabu. Karaan Oromoo baasu, dantaa isaas kabajatee ummatni olla isaa jiraatus akka mirga isaan malu gonfatu, ummatootni biyyatti sana keessatti curqursaa Jala jiraatan hundi barii bilisummaa akka argan hawwuun dantaa Oromoo gurguruu miti. Nama siyaasaa fi akkaataan addunyaan itti hojjattu beekuuf ollaan kee hundi sirna dimokraatawaan taheen jiraachuu fi gamtaan kabajaa ilma namaa hundaaf falmuun yakka hin tahu. Dhugaan sangaa namni tokko ganda isaatti hidhatu, itti murteessuu fi ana qofatu beeka jedhu irraa adda. Karaa tokko qofatu qajeela, karaan biraa an itti hin amannee fi natti hin mul'atin hundi dabaa fi karaa haqaa miti jechuun dogoggora qofa osoo hin taane yaada hokkolaa dhukkuba irraa burquu dha.

Sabani lammaffaan ODF falmaniif akka isaan jedhanitti, Itoophiyaan gonkumaa hin dimokraatoftu ilaalcha jedhu irraa madda. Yaadni kun yeroo qabsoon Oromoo jalqabdu, karaa ABOn qabatee fi akeeka isaa qofa ajeelaa akka tahe fakkeessuu fi Oromoo qabsoo hidhannoo fi boortaan Itoophiyaa caccabsuu irratti akka xiyyeeffatu godhuu irraa madde. Bara sirna soshalizmii dagaage barootaa 1970 keessaa yaadni waldhabbiin qaraa karaa qawwee qofaan furamti jedhu bakka akka jecha waaqaattti kabajamu ture. Yaadni kun harka irra caalu dogoggoraa dha. Mootumma boodatti hafaa fi cunqursaan akka Itoophiyaa hafnaan murni mirga ummata tokkoo ukkaamsu hundi qabsoo malee mirga ummata cunqursuuf hin hayyamu, hayyamees hin beeku. Garuu mirgi ummata tokkoo qawwee malee hin dhugoomu jechuun yaada dogoggoraa dha. Impaayerri dhumaa (USSR) qawwee malee diigamte. Kanaaf Itoophiyaan dimokraatawuu hin dandeettu yaadni jedhu deeggarsa saayinsii fi seenaas hin qabu. Jechi Habashootni dimookraasiin hin galuuf jedhu ammo hunda caalaa dogoggora. Uumamaan ilmi namaa dimokraataa ykn ammo abbaa irraa tahee dhalatu hin jiru. Waa hundaa naannoo isaa irraa barata, gocha hawaa fi gaariis.
Gama biraatiin qabsoo Dimokraatic Republic Oromiyaa ijaaruu irraa gara mirgoota ambummaa fi hiree murteeffannaa ummatoota Itoophiyaa hundaaf falmuu taarsiimoo qabsoo faallessa warra jedhantu mul'atan. Impaayerri Itoophiyaa diigamuu jechuun biyyi sun dimokraatofte lammiin biyyattii sana keessa jiraatu hunda dhimma isa ilaalu irratti murteessaa tahuu dha.Kun tarsiimoo qabsoo keenyaa, kan bilisummaa sana Oromoo argamsiisu qofa osoo hin taane, Oromoon bi;isummaa boodas akka nagayaa fi tasgabbiin jiraatu kan godhuu dha. Kanaaf yaadni tarsiimoo faallessan jedhu, madaalaa kaasuu hin danda'u.

Kan biraan yakka hoogganootni ODF keessattuu Prezdaantiin 1992 keessa qabsoon Oromoo akka hin milkoofnee fi lubbuun qabsaawota hedduu diinaan akka dhabamtu godhe fi diinaaf hojjata kan jedhuu dha. Kun cubbuu daangaa hin qabnee dha. Carraa seenaa tahee bara 1992 keessa qaama sochii sanaa tahuudhaan waan hedduu beekuu danda'ee jira. isa duraa, waraanni keenya (WBOn) bakka tokkotti mooraatti lolli itti tahee fi wareegamni dallaa keessatti marfamuun irra gahe hin turre. Osoo labsi Chaartara keessaa bahuu hin labsamiin humnaa fi miseensota keenya bakka jiran hundatti Chaartara keessaa baanee qabsoo hidhannootti deebi'aa akka jiru himame. Kan biraa hafee iccitii waraanaa kana manguddootni Oromoo hedduun osoo hin hafin akka hubatan taasifamuu isaa ti. Kana irra dabree ammo yeroo sanatti dirreen Waraanaa ABOn qabaachaa turte hundi ajajaa waraanaa itti gaafatamni nagummaa humna keenyaa fi bobbaa waraanaa qindeessuu itti kenname jiraachuu isaa ti. Obboo Leencoon hanga danda'ametti qabsoon karaa diplomaasii fi siyaasaa godhaa turre akka milkaa'u tattaaffii inni godhe, galmee seenaaf dhiisuun barbaachisaa dha, gama kiyyaan garuu akkaan beekutti waan danda'amu hunda akka godhe mamii malee dubbachuu danda'a. Yakka kana hunda caalaa kan dhara godhu, guyyaa tokkos namootni obboo Leencoo waliin qabsaawaa turan tokko illeen rakkoo kanaaf isa itti gaafatamaa hin goone. Obboo Galaasaa Dilboo, Dhugaasaa Bakakkoo fi Daud Ibsaas haala 1992 taheef takkaa ifa bahanii itti gaafatama hoonga mudatee obboo Leencoof hin kennine. Yakki kun kan dhihaatu, irra caalaa, namoota 1970-ta keessa dirree qabsoo funyaaniin tuqanii baqatanii biyya ambaatti yaa'anii, erga sanaa biyyatti deebi'anii maatii isaanituu hin arginii fi namoota isaan afanfaajjessanii dha. Namoota ganna 35 oliif ABO fi qabsoon Oromoos maal keessa akka turte itti dhiheenyaaf quba hin qabnee dha.

Kanaaf, duulli ODF irratti gaggeeffamaa jirtuu maddi isii, fedhii dhuunfaa bakkaan gahachuu fi Oromoof yaaduu dhabuu dha. Hedduun namootaa fi jaarmayota Oromoo, kallattiin duula kana keessaa qooda fudhatan yakki isaan ODF irratti dhiheessan dogoggora akka tahe tolchanii beeku. Fakkeenyaaf, obboo Jawaar Mohammed 2010 keessa interview www.gadaa.com waliin godhee fi haasawa naanoo DC-tti ummataaf godhe irratti rakkoon biyya Itoophiyaa mudate maddi isii murnoota sirni dur (sirna nafxanyaa) akka deebi'uu barbaadanii fi warra hiree murteeffannaa ummatootaaf qabsaawanii jedha. Murni inni cichitootaa (ethno-natonalists) fi boodatti harkiftoota ( chauvinists) jedheen kun Impaayera Itoophiyaa keessatti mirgootni ummataa akka hin dhugoofne godhan jedhe. Ji'a tokko dura ammo yaaduma 2010 akka furmaataatti dhiheesse sana warra fudhatan deebisee akka madda rakootti dhiheesse. Gama biraatiin jaarmayootni Oromoo ar'a ODF Itoophiyummaa fudhate jedhanii yakkan, dhoksaa fi ifatti biyyatti deebi'anii karaa nagayaatiin qabsoo gochuuf araara TPLF gaafachaa turan. Kanneen hafan ammo warra 1970 keessa sochii Oromoo keessa turan, haalli qabsoo ulfaannaan biyya ambaatti baqatanii dha, kan ar'a warra waggaa 35 dura diina jalatti gatanii biraa deeman irratti duula gaggeessaa jiran. Kanaaf fakkeenyi guddaan hooggan murna Shanee torbaanitti guyyaa torba Paltalk irraa nama arrabsaa oolu dha.
Eegaa akkuma barruu kana keessatti akeekuu yaaletti rakkoon mooraa qabsoo Oromoo mudatte guddaan rakkoo ummata Oromoof yaaduu dhabuu ti. Kanneen ar'a diina dhiisanii halkanii guyyaa ODF fi hooggana isaa irratti duula gaggeessaa jiranii fi ibiddi mooraa qabsoo Oromoo keessatti qabatte akka hin dhaamne qoraan dhiheessan furmaata tokko illee nu hin agarsiifne. Murnootni Oromoo hafan hundi diina lagatanii ODF-itti bobba'uuf waliif galtee guddaa qabaataniis, waan Oromoof tola jedhan irratti waliif galuun hafee yaada burqisiisuu hin dandeenye. Ummata Oromoof qabsaawaa kan if taasiisuu barbaadan yaada qajeelaa burqisiisuu fi yaada kana irra dhaabbatanii qabsoo saba keenyaa finiinsuu osoo hin taane warra waa goona jedhaniin irratti bobba'uu fi yakkuuni. Kanaaf gaaffiin gaafatamuu qabu, isin balaaleffannaa malee Oromoof maal yaaddanii dha. Murnootni Oromoo jiran hundi ar'a balaaleffannaa ODF irratti waliif galu, garuu maaltu isaan tokko tahanii bilisummaa Oromoo warraaquu akka dhoorgu beekuun nama dhiba. Dhuma irratti ammo, murnootni yaada tokko qofaatu qofatu qajeela fi kanneen murnoota Oromoo Itoophiyaa keessatti rakkoo Oromoof furmaata argamsiisuuf yaadan hundaan gantuu fi diina jedhu, osoo Oromiiyaa bilisoomsitanii aangoo argattanii namootaa fi qaama hawaasaa yaada keessaniin ala tahe qabu akkam gootu gaaffii jedhu gaafachuun hin badu.

Jeequmsa mooraa qabsoo Oromoo keessatti uumameef sababni guddaan amalli waan hunda dura dhaabbachuu fi ofii waan godhaniif itti gaafatamni dhabamuu Oromoo keessatti dagaaguu dha. Amala murnaa kan warri Amaarikaanii "The Party of No" jettuuntu nu dhaale. Akkuma T-Party Ameerikaa osoo furmaata ofii hin qabaatin waan furmaata taha jedhame hunda dura dhaabbachuu fi gufachiisuu, rakkoon Oromoo mudate. Osoo yaada dhaabbannuuf hin qabaanne namootaa fi murnoota Oromoo dura dhaabbachuun qofti Oromoof bu'aa hin argamsiisu, qabsoo isaa of booda yoo deebise malee fuula dura hin oofu. Hunda caalaa ammoo maqaa qabsoo sabaatiin sabaaf hojjachuu irraa yaadota ofiif malee nama birootiif hiikkaa hin qabaanne jalatti golgamanii summii lammii Oromoo giddutti diinummaa qofa babal'isu akeeka jaarmayaa Milkeessuun hafnaan akeeka nama tokkollee hin gar-gaaru. Kanaaf, kanneen jaarmayaa fi lammiiwwan Oromoo irratti duuluu qofa akka waan qabsoo Oromoo irra jiraniitti of dhiheessan, dura dhaabbannaa jaarmayaa biraa fi balaaleffannaa malee Oromoof Maal Qabdu jennee haa gaafannuu.

Bilisummaa fi kabajaan ilmaan namaa hundaaf!

Joobiraa Badhaasoo
ittisaapost@gmail.com

Thursday, April 4, 2013

Of jajjuu manni karaa irra: Deebii barruu mata-duree "muka Jallaa Diriirsuun osoo qacalee ti" jedhu jalatti obboo Jawaar S. Mohammed Barreesseef

Mata duree "Jallaa Mukaa Diriirsuun Osoo Qacalee ti" jedhu jalatti barruu obboo Jawaar barreesse dubbisee jira. Obboo Jawaar fakkeessuu yaalus, barruun isaa waca ykn iyya malee waan firii qabu keessaa arguun hin danda'amu. Yakki obboo Jawaar ODF irratti dhiheessu kun dhugumaan duwwaa akka tahe tolchine hubachuuf qabxiilee inni tuttuqe irra deebinee haa ilaalluu.

1. Qabsoo Oromoo gaaffii sabaa irraa gara gaaffii Ambaatti gadi Cabsan jedha inni jalqabaa: Dhugumaan ODF gaaffii sabummaa gara gaaffii ambaatti gadi buusee? Labsi ODF  "....Ethiopia has been, and remains, the prison of nations and nationalities, with the Oromo being one of the prisoners"  jedha. Yaadni armaa olii kun Ethiopiyaan kaleessaa fi ar'as mana hidhaa saboota akka taate bifa mamii hin qabneen ibsa. Yaada armaa olii kana keessa kadhaan hin jiru. Jechi ambummaa jedhu labsa ODF keessatti qabxii gabaabaa mirgoota "citizens right" jedhaman ibsuuf qofaan kan itti gargaaramnii dha. 

 Gaaffii ummata Oromoos sharafuun hin mul'atu. Labsa kana keessa xinnoo gadi buunee yoo ilaalle, akkana We remain convinced that the struggle for self-determination by the Oromo and other oppressed nations is still legitimate due to the persisting imperial character of the Ethiopian state, which has been stubbornly lingering  even after the exercise of political power has  passed from one ruling elite to the other" jedha. Kun kan agarsiisa utubaan ODF gaaffii abbaa biyyummaa fi sabummaa ummatni Oromoo jaarraa oliif gaafataa fi falmaa tureef tahuu tolchee ibsa. Yaada kana daran hubachuuf, "This measure does not imply the repudiation of the struggle waged to date by the Oromo Liberation Front (OLF) but rather to build on its achievements and to open a bold new forward looking chapter" . ODF dhibdee ummata Oromoo fi saboota biyyaattii keessa jiran hundi mudataniif furmaata ummataa hundaa waliin argamsiisuuf bifa haarayaan qabsoo Oromoo karoorsuun ejjannaa kaleessa turee dha.Tarkaanfiin ODF fudhate kun akeeka ABO fi qabsoo ilmaan Oromoo ABO jala hiriiruun godhaa turan kan daran gadi jabeessu malee kan gonkumaa kan haaluu miti. Kanaaf gaaffii Oromoo gara gaaffii ambummaatti jijjiiruun jedhamu afanfaajjii uumuu fi jaalala rakasha gola Oromoo waca qofaan qabsoo gaggeessuu barbaadu irraa argachuuf kan godhame fakkaata.

2. Yakki lammataa, "Oromoo gurmuu akka sabaatti of dandahe irra gara murna afaaniitti gadi cabsuu" dhaa kan jedhu. Itti dabaluunis, warri Oromoo cunqurse saba Amaaraa ykn Tigree jechuu dhiisanii warra afaan akkanaa dubbatu jechuun gaaffi keenya gara gaaffii afaaniitti gadi cabsan jedha obboo Jawaar. Garuu obboo Jawaar hanga ammaatti sabaa fi afaan cunqursaaf addatti keename akka hin jirree hubachuu dadhabuu isaa ti. Ummata tokko akka nama cunqursuu qofaaf dhalateetti lafa kaayuun, cunqurfamuu qofaan kan dhalate waan jiru fakkeessi ti.

 Akka natti fakkaatutti obboo Jawaar filannoo jechootaa kan labsa ODF fi jechoota obboo Leencoo Lataa itti dhimma bahan hubachuu dhabuu ykn ammoo amala waa balaaleffachuu aadaa godhatuu irraa madde jedhee amana. Jecha warra afaan Amaaraa fi Tigree dubbatu jedhutti gargaaramuun ummata biyyattii guutuu, Oromo illee dabalate akkamitti sabummaa irraa mulqee murna ykn "warra afaan" akkasii dubbbatutti akka gadi buusu kan beekuu danda'u obboo Jawaar qofa. Yakkoota amala kijibaa fi waan hin jirre hafarsuu irraa maddan kana qofaa miti. Qabxiilee lameen kana malees obboo Jawaar yakkoota hedduu dhiheessan. Egaa gaaffiin jiru, ololli dharaa fi afanfaajjii akkanaa hafarsuuf maaltu obboo Jawaar kakaase kan jedhu taha.

Akka natti fakkaatutti hunda fakkaachuu fi anaatu beekaan tun of jaalatiinsa daangaa hin qabnee fi tarii fuula dura bolola biyya keenya keessatti nama beekkamaa tahee as bahuuf qabu irraa madda. Waggoota shanan dabran keessa obboo Jawaar Toophiyaa balaaleffatu, deebi'ee faarsoo qaamota Oromoo fi namoota Oromoo keessatti mumul'atan dura dhaabbatu agarree jirra. Guy,yaa sagaleen cinaa isaa jiru itti hasaasu warra kaayyuu ganamaa leellsu tahee as bahuu fi guyyaa itti aanu ammoo rakkoon Oromoo karaa federaalummaatiin akka dhumatu ummatootni impaayeroo Toophiyaa keessa jiran hunda akka obbolleeyyanitti harka walqabatanii qabsaawan waamicha dabarsuun isa dhibee hin beeku. Akkuma guyyaa barbaade, mirga ummata Oromoo boortaan malee hin dhufu jedhu, galgaluma sana ammoo akkamitti qawwee hiikkannee karaa "nonviolent Struggle"  ummatoota Toophiyaa waliin qabsaawuu akka qabnuu kitaaba nuuf hiikee nu barsiisuuf rakkoo hin qabu.

 Tarii ammoo jeequmsa mataa dhugaa hin jirre nama jalaqabu tahuu mala, ykn ammoo akkuma ummatni naannoo an itti dhaladhee mammaakutti "nama of jajju/of dhaadhu manni karaa irra" jedhan ebalu jedhamuuf waan hundatti bu'a taha. Kan nama raaju garuu, namni hubataan akka obboo Jawaar osoo dhugaa irratti hin hundoofne yaada namaa busheessuu fi dhaloota isa duraa yakkuu qofaan beekkamuu fi ummata biratti kabajaa argatuun akka hin danda'amne wallaaluu isaa ti.